2 Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe. 3 Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture; 4 kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate. 5 Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
6 Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
7 Yesuus immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
8 Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen.
9 Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
10 Yesuusis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen. 11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
12 Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii? 13 Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan. 14 Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu. 15 Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera. 16 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu. 17 Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
19 “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima. 20 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
21 Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
22 Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan. 23 Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture. 24 Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
25 Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
26 Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne. 27 Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale.
31 Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera. 32 Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
33 “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
34 “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. 35 Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
36 Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate.
37 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
38 Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
<- Yohannis 12Yohannis 14 ->- a Far 41:9