23Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu. 24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu. 25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. 28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo. 29 “Bara sana keessa namoonni lammata,
30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis
kakuu haaraa galu ni dhufa,”
jedha Waaqayyo.
32 “Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,
kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu
isaan cabsan sanaan tokko miti”
jedha Waaqayyo.
33 “Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo.
“Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo taʼu.
34 Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu”
jedha Waaqayyo.
“Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
35Waaqayyo akkana jedha;
inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu,
inni akka isaan halkaniin ibsaniif,
jiʼaa fi urjiiwwan ajaju,
inni akka dambaliin isaa huursuuf
galaana raasu sun maqaan isaa
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
36 “Yoo seerri kun fuula koo
duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel,
fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa”
jedha Waaqayyo.
37Waaqayyo akkana jedha:
“Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi
hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa
ani sanyii Israaʼel hunda
sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata”
jedha Waaqayyo.
38Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa. 39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama. 40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”