4 Yeroo ergamaan Waaqayyoo waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan; 5 isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessan.
6 Erga Iyyaasuun Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman. 7 Uummanni bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Waaqayyo Israaʼeliif godhe argan sunis Waaqayyoon tajaajilan.
8 Iyyaasuun ilmi Nuuni garbichi Waaqayyoo waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. 9 Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
10 Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe. 11 Israaʼeloonnis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan. 12 Isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Waaqayyonis dheekkamsaaf kakaasan; 13 isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii. 14 Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure. 15 Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Waaqayyoo isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.
16 Waaqayyos abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase. 17 Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Waaqayyoof ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone. 18 Waaqayyo yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Waaqayyo yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii. 19 Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
20 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; “Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef, 21 ani siʼachi saboota Iyyaasuun yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu. 22 Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Waaqayyoo eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora.” 23 Kanaafuu Waaqayyo akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.
<- Abbootii Murtii 1Abbootii Murtii 3 ->