4 Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti, 5 maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman. 6 Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin.
7 Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe.
8 Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin.
9 Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen.
10 Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin. 11 Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate.
12 Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen.
13 Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe.
14 Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge; 15 akkanas jedhe:
29 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule. 30 Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite, 31 yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.”
32 Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne. 33 Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan.
34 Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture. 35 Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe.
36 Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu. 37 Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.”
38 Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse. 39 Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte.