11 Waaqayyos akkana jedhee deebiseef; “Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni, 12 Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee? 13 Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu. 14 Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!”
15 Israaʼeloonnis Waaqayyoon, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan. 16 Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Waaqayyoon waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.
17 Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan. 18 Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, “Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa” waliin jedhan.
<- Abbootii Murtii 9Abbootii Murtii 11 ->