3 Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya. 4 Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa. 5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. 6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.
7 Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus; 8 arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra. 10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu. 11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa? 12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu. 18 Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
<- Yaaqoob 2Yaaqoob 4 ->