2 Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
3 Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa. 4 Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin. 5 Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru; 6 “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.” 7 Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
10 Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate; 11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.”
12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu? 14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti. 15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata. 16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona. 17 Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”