1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; 3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
4 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe: 5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. 6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
7 “ ‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha: 8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’ ” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.