Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta;
gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
19 Ani aangoo kee irraa sin buusa;
atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama. 21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa. 22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu. 23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.