1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee karaa Haagee raajichaatiin dhufe; 2 “Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu; 3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu? 4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Waaqayyo. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Waaqayyo. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’
6 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa. 7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”