6 Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge. 7 Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.
8 Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin.
9 Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture; 10 mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte. 11 Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.”
12 Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii. 13 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita. 14 Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi. 15 Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.”
16 Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan. 17 Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.”
18 Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii. 19 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.”
20 Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse: 21 Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne. 22 Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase.
23 Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne.
<- Uumama 39Uumama 41 ->