4 Esaawu garuu Yaaqoobin simachuuf itti fiigee isa hammate; morma isaattis marmee isa dhungate. Isaan lachanuu walitti booʼan. 5 Esaawus ol jedhee ilaalee dubartootaa fi ijoollee argee, “Warri si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
6 Xomboreewwanii fi ijoolleen isaanii dhiʼaatanii gad jedhanii harka fuudhan. 7 Itti aansaniis Liyaa fi ijoolleen ishee dhufanii gad jedhanii harka fuudhan. Dhuma irratti immoo Yoosefii fi Raahel dhufanii gad jedhani harka fuudhan.
8 Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate.
9 Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen.
10 Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii. 11 Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate.
12 Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe.
13 Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu. 14 Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.”
15 Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe.
16 Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe. 17 Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame.
18 Yaaqoob erga kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee nagaan magaalaa Sheekem ishee biyya Kanaʼaan keessaa sana gaʼee fuula magaalattii dura qubate. 19 Innis lafa dunkaana isaa irra dhaabate sana ilmaan Hamoor irraa meetii dhibbaan bitate; Hamoor immoo abbaa Sheekem. 20 Yaaqoobis achitti iddoo aarsaa ijaaree El Elohee Israaʼel jedhee moggaase.
<- Uumama 32Uumama 34 ->