2 Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku. 3 Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi. 4 Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.”
5 Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti, 6 Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera; 7 innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula Waaqayyoo duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen. 8 Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi. 9 Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi. 10 Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.”
11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu. 12 Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.”
13 Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen.
14 Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef. 15 Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte. 16 Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte. 17 Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite.
18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe.
19 Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.”
20 Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe.
21 Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe.
22 Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe. 23 Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise. 24 Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate.
25 Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe.
27 Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe;
30 Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale. 31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe.
32 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate.
33 Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe.
34 Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe.
35 Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe.
36 Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate.
37 Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?”
38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe.
39 Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef;
42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada. 43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu. 44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi. 45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?”
46 Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!”
<- Uumama 26Uumama 28 ->