1 Abrahaamis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe. 2 Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse. 3 Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan. 4 Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
5 Abrahaam waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne. 6 Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge.
7 Abrahaam waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate. 8 Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame. 9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa awwaalan. 10 Lafti qotiisaa sunis kan Abrahaam Heetota irraa bitatee dha; Abrahaamis achitti niitii isaa Saaraa biratti awwaalame. 11 Erga Abrahaam duʼee booddee Waaqni ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate.
12 Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana.
21 Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Waaqayyo isheef kadhate. Waaqayyos kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte. 22 Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jette; kanaafuu Waaqayyo gaafachuu dhaqxe.
23 Waaqayyo immoo akkana jedheen;
24 Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture. 25 Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan. 26 Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.
27 Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaqoob garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe. 28 Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte.
29 Gaaf tokko utuu Yaaqoob ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe. 30 Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.
31 Yaaqoob immoo deebisee, “Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa” jedhe.
32 Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe.
33 Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate.
34 Ergasiis Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme.