6 Saaraanis, “Waaqni kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa” jette. 7 Ittuma fuftees, “Silaa eenyutu Abrahaamiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef” jette.
11 Wanni kunis sababii ilma isaatiif Abrahaamin akka malee rakkise. 12 Waaqni garuu akkana jedheen; “Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi. 13 Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa.”
14 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Aggaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte.
15 Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse. 16 Isheenis, “Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu” jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse.
17 Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; “Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii. 18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi.”
19 Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.
20 Waaqnis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture. 21 Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef.
24 Abrahaamis, “Ani nan kakadha” jedhe.
25 Ergasii Abrahaam waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate. 26 Abiimelek immoo, “Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe” jedhe.
27 Kanaafuu Abrahaam hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan. 28 Abrahaam gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase; 29 Abiimelekis, “Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?” jedhee Abrahaamin gaafate.
30 Abrahaamis, “Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu” jedhee deebise.
31 Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame.
32 Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan. 33 Abrahaamis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa Waaqayyo Waaqa Bara Baraa waammate. 34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate.
<- Uumama 20Uumama 22 ->