1 Wanni ani jedhu kana; dhaaltuun yoo qabeenyi hundi kan isaa taʼe iyyuu inni hamma daaʼima taʼee jirutti garba irraa adda miti. 2 Inni hamma guyyaan abbaan isaa murteesse sun gaʼutti warra isa eeganii fi warra isa guddisan jala jira. 3 Nus akkasuma bara daaʼimman turretti garbummaa sirna addunyaa jala turre. 4 Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; 5 kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. 6 Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “Aabbaa, yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge. 7 Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Waaqni dhaaltuu si taasiseera.
17 Namoonni sun ofitti isin deebisuuf hinaafu; garuu waan gaariif miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif nurraa gargar isin baasuu barbaadu. 18 Yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin yeroo hundumaa kaayyoo gaariif hinaaffaa qabaachuun gaarii dha. 19 Yaa ijoollee ko, ani hamma Kiristoos isin keessatti mulʼatutti ammas isiniif jedhee nan ciniinsifadha; 20 ani waaʼee keessaniif waan shakkii keessa jiruuf utuu isin biratti argamee sagalee koo geeddaradhee akkam hawwan ture!
24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Aggaar. 25 Egaa Aggaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii. 26 Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya. 27 Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
28 Yaa obboloota, isinis akkuma Yisihaaq ijoollee waadaa ti. 29 Yeroo sana ilmi akka fedhii fooniitti dhalate sun ilma humna Hafuuraatiin dhalate ariʼate. Amma illee akkasuma. 30 Garuu Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Garbittii sanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii sun ilma dubartittii birmaduu wajjin hin dhaaluutii”†Uma 21:10 jedha. 31 Kanaafuu yaa obboloota, nu ilmaan dubartii birmaduu sanaati malee ilmaan garbittii miti.
<- Galaatiyaa 3Galaatiyaa 5 ->