7 Ergasii isaan warra dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaatiif maallaqa kennan; warra Siidoonaa fi Xiiroosiif immoo akka isaan akkuma Qiiros mootichi Faares ajaje sanatti Libaanoonii gara Yoopheetti galaana irra birbirsa gad erganiif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan.
8 Isaanis erga mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sana gaʼanii booddee jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaqii fi obboloonni isaanii kaan jechuunis luboonni, Lewwonnii fi warri boojuudhaa Yerusaalemitti deebiʼan hundinuu akka isaan ijaarsa mana Waaqayyoo toʼataniif Lewwota umuriin isaanii Waggaa digdamaa fi hammasii olii muudanii hojii sana jalqaban. 9 Yeeshuuʼaan ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin, Qadmiiʼeelii fi ilmaan isaa, ilmaan Yihuudaa, ilmaan Heenaadaadii fi Lewwota, ilmaan isaanii fi firoota isaanii wajjin warra mana Waaqaa ijaaran toʼachuuf tokko taʼan.