10 Karaa kibbaatiinis dheerina dallaa oobdii gara alaa qabatee, oobdii mana qulqullummaa qabatee fuullee dallaa gara alaatiin dareewwan 11 fuula isaanii duraan karaa namni irra darbu qabantu ture. Dareewwan kunneenis akkuma dareewwan karaa kaabaa sanaa turan; isaanis dheerinaa fi balʼina, karaa ittiin gad baʼanii fi guddina wal fakkaatu qabu turan. Balbalawwan karaa kaabaa 12 balbalawwan dareewwan karaa kibbaa wajjin wal fakkaatu turan. Karaa namni irra darbu kan dallaa gara baʼaatti ijaarameen wal cina deemuun fuullee jiru kan ittiin dareewwan seenan tokkotu jira ture.
13 Ergasiis inni akkana naan jedhe; “Dareewwan kaabaatii fi kibbaa kanneen gara oobdii mana qulqullummaatti garagalanii jiran sun dareewwan lubootaa, iddoo itti luboonni warri fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatan aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe nyaatanii dha. Isaanis aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe jechuunis kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu; iddoon sun qulqulluudhaatii. 14 Luboonni iddoo qulqulluu sana takkaa seennaan hamma uffata ittiin tajaajilan sana of irraa baasanitti gara oobdii gara alaatti hin baʼan; wayyaan sun qulqulluudhaatii. Isaan utuu iddoo uummataaf ramadametti hin dhiʼaatin uffata biraa uffachuu qabu.”
15 Inni erga waan mana qulqullummaa keessa jiru safaree xumuree booddee karaa balbala baʼaatiin na baasee naannoo sana hunda safare. 16 Kallattii baʼaas ulee ittiin safaraniin safare; wanni inni safares dhundhuma dhibba shan taʼe. 17 Kallattii gara kaabaas safaree safarri sun ulee safaraatiin dhundhuma dhibba shan taʼe. 18 Kallattii kibbaatiinis safaree safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe. 19 Ergasii inni gara kallattii dhiʼaatti garagalee safaree, safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe. 20 Kanaafuu inni iddoo kallattii afraniin jiru safare. Iddoon sun dallaa iddoo qulqulluu, iddoo xuraaʼaa irraa addaan baasu kan dheerinni isaa dhundhuma dhibba shan, balʼinni isaas dhundhuma dhibba shan qaba ture.
<- Hisqiʼeel 41Hisqiʼeel 43 ->