5 “ ‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe; 6 innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate.
7 “ ‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate. 8 Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’
9 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu. 10 Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’ ”
11 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 12 “Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe. 13 Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme; 14 kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf. 15 Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa?
16 “ ‘Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa. 17 Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu. 18 Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu.
19 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa. 20 Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura. 21 Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani Waaqayyo dubbadhe ni beektu.
22 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba. 23 Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu. 24 Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani Waaqayyo muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha.