5 Waaqayyo yeroo murteessee, “Waaqayyo bor waan kana biyyattii keessatti ni hojjeta” jedhe. 6 Waaqayyos guyyaa itti aanutti waan kana hojjete: Horiin warra Gibxi hundi ni dhume; horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko iyyuu hin duune. 7 Faraʼoonis namoota qoratan ergee, kunoo akka horii saba Israaʼel keessaa tokko illee hin duʼin beeke. Taʼus Faraʼoon mata jabeessa taʼee saba sana gad dhiisuu dide.
10 Isaan boolla ibiddaa irraa daaraa hammaarratanii fuula Faraʼoon dura dhaabatan. Museenis daaraa sana samiitti ol facaase; dhullaan malaa yaasus namaa fi horiitti yaaʼe. 11 Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Musee dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii. 12 Garuu Waaqayyo akkuma Museetti hime sana Waaqayyo Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
20 Qondaaltota Faraʼoon keessaa warri dubbii Waaqayyoo sodaatan garboota isaaniitii fi horii isaanii manatti galfachuuf ariifatanii sokkan. 21 Warri dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannoo hin kennin immoo garboota isaaniitii fi horii isaanii alatti dhiisan.
22 Waaqayyo Museedhaan, “Akka cabbiin biyya Gibxi hundatti namatti, horii fi biqiltuu lafa qotiisaa Gibxi hunda irratti buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. 23 Yommuu Museen ulee isaa gara samiitti diriirsettis Waaqayyo kakawwee fi cabbii erge; ibiddis gara lafaatti gad buʼe. Waaqayyos biyya Gibxitti cabbii roobse; 24 cabbiin ni buʼe; ibiddis cabbii wajjin wal make. Cabbiin hamaan akkanaa erga Gibxi saba taatee beekamtee as takkumaa guutuu biyyattiitti hin buune. 25 Cabbiin sunis biyya Gibxi keessatti waan ala jiru hunda namas horiis ni dhaʼe; biqiltuu lafa qotiisaa hundas ni balleesse; muka hundas ni barbadeesse. 26 Lafti cabbiin itti hin buʼin biyya Gooshen iddoo Israaʼeloonni jiraatan qofa ture.
27 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedheen; “Ani amma cubbuu hojjedheera; Waaqayyo qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa hojjenneerra. 28 Sababii bakakkaa fi cabbiin nutti baayʼateef isin Waaqayyoon nuuf kadhadhaa. Anis gad isin nan dhiisa; isin hammana caalaa as turuu hin qabdan.”
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Ani yommuu magaalaa kana keessaa baʼutti harka koo balʼisee Waaqayyo nan kadhadha. Bakakkaan ni dhowwama; cabbiinis siʼachi hin jiraatu; kanaanis ati akka lafti kan Waaqayyoo taate ni beekta. 30 Ani garuu akka atii fi qondaaltonni kee amma iyyuu Waaqayyo Waaqa hin sodaanne nan beeka.”
31 Waan talbaan daraaree, garbuun immoo bilchaatee tureef talbaa fi garbuun ni badan. 32 Qamadii fi honboriin garuu waan turanii bilchaataniif hin badne.
33 Museenis Faraʼoon biraa deemee magaalaa keessaa gad baʼe; innis harka isaa gara Waaqayyootti balʼise; bakakkaa fi cabbiin ni dhowwaman. Bokkaanis deebiʼee biyyattiitti hin roobne. 34 Faraʼoonis yommuu akka bokkaan, cabbii fi bakakkaan dhowwaman argetti ammas cubbuu hojjete; innii fi qondaaltonni isaa mata jabeeyyii taʼan. 35 Akkuma Waaqayyo karaa Museetiin dubbate sana, Faraʼoon mata jabeessa taʼe; saba Israaʼelis gad dhiisuu dide.
<- Baʼuu 8Baʼuu 10 ->