5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’ ”
6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan. 7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen.
12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye. 13 Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman. 14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte. 15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
22 “ ‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu. 23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’ ”
24 Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree? 27 Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
28 Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe.
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate; 31 Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne. 32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.
<- Baʼuu 7Baʼuu 9 ->- a Kutaan 8:1‑4 kitaaba Afaan Ibraayisxii keessatti 7:26‑29 jedhamee, kutaan 8:5‑32 immoo 8:1‑28 jedhama.