1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa. 2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima. 3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu, 4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa. 5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
6 Musee fi Aroonis akkuma Waaqayyo isaan ajaje godhan. 7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.
10 Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. 11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. 12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite. 13 Taʼus Faraʼoon akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
19 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.”
20 Musee fi Aroon akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame. 21 Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.
22 Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Waaqayyo jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide. 23 Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne. 24 Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.