1 Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. 2 Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche. 3 Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe. 4 Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise. 5 Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose.
6 Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture. 7 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche. 8 Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche. 9 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan.
10 Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan. 11 Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan. 12 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan. 13 Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan. 14 Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman. 15 Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture. 16 Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan.
17 Baattuu ibsaa, somaa isaatii fi damee isaa wajjin warqee qulqulluu irraa tumanii tolchan; waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa illee warqeedhuma tokko irraa tolchan. 18 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon sadii immoo gama kaaniin baafaman. 19 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchan. Dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchan. 20 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin tolfaman afur baattuu ibsaa sana irra turan. 21 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture; walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture. 22 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa tolfaman.
23 Ibsaa torban sana, waan ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi baattuu daaraa sana baattu illee warqee qulqulluu irraa tolchan. 24 Baattuu ibsaatii fi miʼa isaa hunda warqee qulqulluu taalaantii tokko irraa tolchan.
25 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa tolchan; iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkoo fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. Gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walumatti hojjetaman. 26 Isaanis gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee naannessanii tolchan. 27 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchan; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchan. 28 Isaanis danqaraawwan muka laaftoo tolchanii warqee itti uffisan.
29 Akkasumas akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti zayitii ittiin diban qulqulluu fi ixaana urgaaʼaa makaa hin qabne tolchan.
<- Baʼuu 36Baʼuu 38 ->