1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi sabni ati biyya Gibxiitii baaftee fidde kun asii baʼaatii gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Ani sanyii keetiif nan kenna’ jedhee kakadhe sanaa dhaqaa. 2 Ani ergamaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa. 3 Gara biyya aannanii fi dammi keessaa burquu dhaqi. Garuu waan ati saba mata jabeessa taateef ani akka karaatti si hin balleessineef si wajjin hin deemu.”
4 Jarri yommuu oduu hamaa kana dhagaʼanitti gadduu jalqaban; isaan keessaas namni tokko iyyuu faaya tokko illee hin kaaʼanne. 5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedheeraatii; “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin saba mata jabeeyyii dha. Ani utuu yeruma muraasa illee isin wajjin deemee silaa isin balleessa ture; isin amma faayawwan keessan of irraa baasaa; anis waanan isin godhu nan murteessaa.’ ” 6 Kanaafuu Israaʼeloonni Gaara Kooreeb biratti faayawwan isaanii of irraa baasan.
14 Waaqayyos deebisee, “Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna” jedhe.
15 Museen immoo akkana jedheen; “Yoo ati nu wajjin deemuu baate, asii nu hin baasin. 16 Ati nu wajjin deemuu baannaan namni akkamiin akka ati anaa fi saba keetti gammaddu beeka? Wanni anaa fi saba kee saboota lafa irraa kaan hunda irraa addaan baasu biraa maali ree?”
17 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Ani waan ati amma kadhatte kana nan godha; ati fuula koo duratti ayyaana argatteertaatii; anis maqaadhaan si beeka” jedhe.
18 Museenis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe.
19 Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Waaqayyoo fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa. 20 Garuu waan namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.”
21 Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo as na bira iddoon ati kattaa irra dhaabachuu dandeessu jira. 22 Ani yeroo ulfinni koo darbuutti jiru holqa kattaa keessa si kaaʼee hamma ani darbutti harka kootiin si daʼeessa. 23 Ergasiis ani harka koo nan fudhadha; atis dugda koo ni argita; fuulli koo garuu argamuu hin qabu.”
<- Baʼuu 32Baʼuu 34 ->