6 “Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi. 7 Diranni kunis akka walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii lama kanneen fiixee isaa lamaanitti rarraafaman haa qabaatu. 8 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen haa hojjetamu.
9 “Dhagaawwan sardooniksii lama fuudhiitii maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti soofii barreessi. 10 Akkuma toora dhaloota isaaniitti, maqaa jaʼa dhagaa tokko irratti, maqaa jaʼaan hafes dhagaa kaan irratti soofii barreessi. 11 Akkuma ogeessi faayaa tokko chaappaa soofee hojjetu sana atis dhagaa lamaan sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel soofii barreessi; ergasiis faaya warqee itti naannessiitii 12 akka inni ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisi. Aroonis maqaa sana yaadannoo godhee fuula Waaqayyoo duratti gatiittii isaa lamaanitti haa baatu. 13 Ati immoo faaya warqee itti naannessiitii 14 foncaa warqee qulqulluu kan akka funyootti foʼame lama tolchi; foncaa foʼame sana illee faaya sanatti qabsiisi.
15 “Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu. 16 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu. 17 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee; 18 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz; 19 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti, 20 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi. 21 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata.
22 “Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi. 23 Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi. 24 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi. 25 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi. 26 Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi. 27 Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi. 28 Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman.
29 “Aroon yeroo iddoo qulqulluu ol seenu hunda akka fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo bara baraa taʼuuf laphee isaa irratti kiisii qomaa kan murtiitiin maqaa ilmaan Israaʼel ni baata. 30 Akka isaan yeroo Aroon fuula Waaqayyoo dura dhufu hunda laphee isaa irra jiraataniif Uriimii fi Tumiimii akkasuma kiisii qomaa keessa kaaʼi. Akkasiinis Aroon yeroo hunda miʼa ittiin Israaʼelootaaf murtii kennu fuula Waaqayyoo duratti laphee isaa irratti baata.
31 “Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi; 32 walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu. 33 Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi. 34 Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman. 35 Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama.
36 “Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii,
39 “Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu. 40 Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif. 41 Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi.
42 “Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf. 43 Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu.