2 “Waan hamaa hojjechuuf jettee nama baayʼee faana hin buʼin. Fuula seeraa duratti yommuu dhugaa baatu, gara nama baayʼee gortee murtii hin jalʼisin; 3 murtii irratti hiyyeessaaf hin loogin.
4 “Yoo sangaa yookaan harree diina keetii kan baduutti jiru argite deebisii geessiif. 5 Yoo harree nama si jibbu tokkoo utuu isheen baʼaa baattee kuftee jirtuu argite achitti hin dhiisin; isa gargaarii ol kaasi.
6 “Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin. 7 Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin.
8 “Ati mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ogeeyyii ni jaamsaatii; dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
9 “Alagaa hin cunqursin; isin waan biyya Gibxiitti alagaa turtaniif alagaa taʼuun maal akka taʼe isin mataan keessan ni beektuutii.
12 “Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin.
13 “Waan ani isinitti hime hunda eegaa; maqaa waaqota biraa hin waammatinaa; afaan keessanii iyyuu hin baʼin.
15 “Ayyaana Maxinoo Ayyaaneffadhu; akkuma ani si ajaje sana bultii torba Maxinoo nyaadhu. Waan kanas jiʼa Abiibii keessa yeroo murtaaʼetti godhi; ati jiʼa sana keessa Gibxii baateetii.
16 “Mataa midhaan keetii kan lafa qotiisaa keetti facaafatteen Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu.
17 “Dhiirri hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti haa dhiʼaatu.
18 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin.
19 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi.
27 “Ani sodaachisuu koo si dura ergee saba ati itti dhuftu hunda nan burjaajessa. Akka diinonni kee hundinuu dugda sitti galanii baqatanis nan godha. 28 Akka inni Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota karaa kee irraa ariʼuuf ani si duraan sonsa nan erga. 29 Akka lafti onee bineensi wal horee sitti hin baayʼanneef ani waggaa tokko keessatti saba kana si duraa ariʼee hin baasu. 30 Hamma ati baayʼattee biyyattii dhaaltutti ani xinnoo xinnoon fuula kee duraa isaan nan baasa.
31 “Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta. 32 Ati isaan wajjin yookaan waaqota isaanii wajjin kakuu tokko illee hin galin. 33 Akka isaan biyya kee keessa jiraatan hin eeyyamaniif; yoo akkas taʼe isaan akka ati cubbuu natti hojjettu si godhu; ati waaqota isaanii waaqeffannaan kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼaatii.”
<- Baʼuu 22Baʼuu 24 ->