Kanaafuu mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer qopheessite sanaa dhaqan. 6 Utuma daadhii wayinii dhuganuu mootichi amma illee akkana jedhee Asteerin gaafate; “Mee wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif kennama.”
7 Asteeris akkana jettee deebifteef; “Wanni ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kanaa dha: 8 Yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee mootichis kadhannaa koo fudhatee waan ani isa gaafadhe naaf guutuun isa gammachiise, mootichii fi Haamaan cidha ani isaaniif qopheessu irratti bor haa argaman. Ani ergasii gaaffii mootichaa nan deebisa.”
Haamaan Mordekaayiitti Aaruu Isaa
9 Gaafas Haamaan gammadee itti tolee gad baʼe. Inni garuu karra mootichaa duratti Mordekaayiin argee yommuu akka inni isaaf hin kaʼin yookaan isa hin sodaatin hubatetti Mordekaayiitti akka malee aare. 10 Taʼu illee Haamaan of qabee mana isaatti gale.
Ergasiis michoota isaatii fi niitii isaa Zeresh walitti qabe; 11 Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje. 12 Haamaan itti fufee akkana jedhe; “Kana qofa miti; namni Asteer Mootittiin akka mooticha wajjin gara cidha qopheessite sanaa dhufu waamte anuma qofa. Boris akkasuma mooticha wajjin na affeerteerti. 13 Taʼus wanni kun hundinuu utuu ani Mordekaayi Yihuudicha isaa karra mootichaa dura taaʼu arguu na hin gammachiisu.”
14 Niitiin isaa Zeresh fi michoonni isaa hundinuu, “Muka itti nama fannisan kan dhundhuma shantama ol dheeratu dhaabiitii akka Mordekaayi bor ganama irratti fannifamu mooticha gaafadhu. Ergasiis mooticha wajjin gara cidha sanaa dhaqii gammadi” jedhaniin. Yaadni kun Haamaanin gammachiise; innis muka sana dhaabe.