4 Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. 5 Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya. 6 Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa? 7 Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.
Badhaadhummaan Faayidaa Hin qabu
8 Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. 9 Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.
10 Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;
nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu.
Kunis faayidaa hin qabu.
11 Akkuma qabeenyi baayʼatuun,
warri nyaatanis ni baayʼatu.
Yoos abbootiin qabeenyaa
ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?
12 Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu,
hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha;
baayʼinni qabeenyaa garuu
sooressa tokko hirriba dhowwa.
13 Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: