1 Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe. 2 Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe. 3 Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe.
4 Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe. 5 Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe. 6 Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe. 7 Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe. 8 Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture. 9 Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture.
10 Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine;
garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne.
Garaan koo hojii koo hundatti gammade;
kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture.
11 Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi