5 Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe. 6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku. 7 Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne. 8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan.
9 Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan.
10 Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane; 11 kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru. 12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.
<- Keessa Deebii 33