3 Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti. 4 Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda; 5 kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.
6 Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe, 7 innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu. 8 Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.
17 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha. 18 Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima. 19 Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha. 20 Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
21 Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa. 22 Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.
<- Keessa Deebii 17Keessa Deebii 19 ->