Keessa Deebii
3 Museenis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan Waaqayyo waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime. 4 Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha.
5 Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Museen akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe:
14 Isinis, “Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha” jettanii naaf deebiftan.
15 Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude. 16 Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; “Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa. 17 Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.” 18 Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera.
22 Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, “Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu” jettan.
23 Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe. 24 Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan. 25 Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, “Biyyi Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kennu kun gaarii dha” jedhanii nutti himan.
29 Anis akkanan isiniin jedhe; “Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa. 30 Waaqayyo Waaqni keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola; 31 gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka Waaqayyo Waaqni keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu.”
32 Taʼus isin Waaqayyo Waaqa keessan 33 isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne.
34 Waaqayyos yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate: 35 “Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu; 36 Kaaleb ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna.”
37 Sababii keessaniif Waaqayyo natti illee dheekkamee akkana jedhe; “Ati iyyuu itti hin galtu. 38 Gargaaraan kee Iyyaasuun ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi. 39 Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu. 40 Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa.”
41 Isinis, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti lolla” jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan.
42 Waaqayyo garuu, “ ‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi” naan jedhe.
43 Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja Waaqayyootti finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan. 44 Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan. 45 Isin deebitanii dhuftanii fuula Waaqayyoo duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine. 46 Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha.
Keessa Deebii 2 ->