6 Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu! 7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru. 8 Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.” 9 Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
10 Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef. 11 Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan. 12 Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan.
13 Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan. 14 Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.
15 Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
16 Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.
17 Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse. 18 Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
19 Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate. 20 Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.
21 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! 22 Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
23 Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
24 Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.
25 Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse:
28 Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
<- Daaniʼel 5Daaniʼel 7 ->