4Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse. 5 Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
6 Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe.
Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
7 Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture. 8Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate.
Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise.
Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
9 “Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu;
iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona;
ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”