5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan. 6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan.
7 Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.
11 Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan. 13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne. 14 Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan.
<- Hojii 5Hojii 7 ->- a haadhonni hiyyeessaa – Kun garee dubartoota akka malee rakkatanii ti. Yerusaalem keessa haadhota hiyyeessaa kanneen dhirsoonni isaanii bara jireenya isaanii gara caalu magaalaa qulqullittiin ala jiraatanii akka achitti duʼanii itti awwaalamaniif jedhanii gara Yerusaalem dhufanii irraa duʼan tokko tokkotu ture. Yihuudoonnis garee kana gargaaruuf jedhanii akka maallaqni isaan ittiin nyaata bitatan isaaniif kennamuuf mala tokko qopheessan.