3 Guyyaa itti aanutti Siidoonaatti galle; Yuuliyoosis Phaawulosiif garaa laafee akka inni michoota isaa bira dhaqee waan isa barbaachisu argatu eeyyameef. 4 Nus dooniin achii kaanee waan bubbeen fuula keenya duraan nutti bubbisaa tureef Qophiroosiin daʼannee dabarre. 5 Erga galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa irra dooniin darbinee booddee magaalaa Miiraa kan Luuqiiyaa keessatti argamtu geenye. 6 Ajajaan dhibbaa sunis doonii Iskindiriyaa kan Iixaaliyaa dhaquutti jiru tokko achitti argatee nu yaabbachiise. 7 Nus guyyaa hedduu suuta jennee dooniin deemnee rakkinaan naannoo Kiniidoos geenye; yommuu bubbeen karaa sana irra darbuu nu dhowwettis Salmoonee biraan gara daʼoo Qareexitti qajeelle. 8 Rakkina guddaadhaanis qarqara galaanichaa irra darbinee iddoo “Buufata doonii gaarii” jedhamu kan magaalaa Laasiyaa biraa tokkotti baane.
9 Yeroon dheeraan badeera; sababii yeroon sun erga Soomni darbee taʼeef dooniidhaan karaa deemuun sodaachisaa taʼeera; kanaafuu Phaawulos akkana jedhee isaan akeekkachiise; 10 “Yaa jarana, ani akka karaan keenya kun badiisa of keessaa qabu, akka inni doonichattii fi miʼa qofatti utuu hin taʼin jireenya keenyatti illee balaa guddaa fiduuf deemu nan arga.” 11 Ajajaan dhibbaa sun garuu qooda waan Phaawulos jedhe dhagaʼu gorsa ooftuu dooniitii fi gorsa abbaa doonii fudhate. 12 Sababii buufanni doonii sun ganna achi turuuf mijaaʼaa hin taʼiniif baayʼeen isaanii Finiiqeetti galanii ganna achitti dabarsuu abdatanii akka nu ittuma fufnee dooniin deemnu murteessan. Buufanni Qareexi kun fuulli isaa gara kibba dhiʼaattii fi gara kaaba dhiʼaatti deebiʼee ture.
21 Phaawulosis erga namoonni sun agabuu isaanii yeroo dheeraa turanii booddee gidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe; “Yaa jarana, isin utuu gorsa koo dhageessanii Qareexii kaʼuu hin qabdan ture; silaa balaa fi badiisa kana hundumaa irraa of oolchitu turtan. 22 Amma garuu ani akka isin jabaattan isinan gorsa; doonicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin baduutii. 23 Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee, 24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe. 25 Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Waaqa nan amanaatii. 26 Taʼus biyya bishaaniin marfamte tokkotti buʼuun keenya hin oolu.”
33 Gara barii lafaattis Phaawulos akka namoonni hundinuu waa nyaataniif isaan kadhate; akkanas jedheen; “Isin bultii kudha afran darban yaaddaʼaa, utuu waa tokko illee hin nyaatin agabuu keessan ooltanii bultaniirtu. 34 Kanaaf ani akka isin waa nyaattaniif isin kadhadha. Nyaanni jiraachuuf isin barbaachisaatii. Isin keessaa nama kam iyyuu rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu hin baduutii.” 35 Innis erga waan kana dubbatee booddee buddeena fuudhee hunduma isaanii duratti Waaqa galateeffate; kutatees nyaachuu jalqabe. 36 Isaan hundinuu jajjabaatanii ofumaan waa nyaatan. 37 Walumatti nu nama 276 taanee doonii sana keessa ture. 38 Isaanis erga nyaatanii quufanii booddee qamadii feʼamee ture sana galaanatti naqanii akka dooniin salphatu godhan.
39 Isaanis yommuu lafti bariitetti galoo galaanaa kan kuufama cirrachaa qabu tokko argan malee biyyi fuula isaanii dura jiru sun eessa akka taʼe hin hubanne; doonii sanas yoo isaanii dandaʼame dhiibanii qarqara galaanaatti baasuu murteessan. 40 Kanaafuu funyoo hiituu doonii kutanii galaana keessatti gad dhiisan; yeruma sana funyoo batoon ittiin hidhame sana hiikan; ergasiis sharaa karaa fuula doonii duraan jiru sana qilleensatti ol fuudhanii gara kuufama cirrachaatti qajeelan. 41 Garuu dooniin sun iddoo itti galaanni lama wal gaʼutti tima cirrachaatti buʼee lafa tuqe. Mataan isaa achitti qabamee sochoʼuu dide; dudga duubni isaa immoo humna dhaʼaa galaanaatiin dhaʼamee caccabe.
42 Loltoonnis akka warra hidhaman sana keessaa namni tokko iyyuu bishaan daakee baqatee jalaa hin baaneef isaan ajjeesuuf karoorfatan. 43 Garuu ajajaan dhibbaa sun waan Phaawulosin duʼa oolchuu fedheef akka isaan waan karoorfatan sana hin goone dhowwe; innis akka warri bishaan daakuu dandaʼan duraan dursanii doonii irraa utaalanii gara lafaatti baʼan ajaje. 44 Akka warri hafan immoo saanqaa yookaan caccabaa dooniitiin achi gaʼan ajaje; haala kanaan hundi isaanii nagaan lafatti baʼan.
<- Hojii 26Hojii 28 ->