5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan. 6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii. 7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii? 8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree? 9 Nu warri Phartee,‡Phartee – Pharteen naannoo biyya harʼa Iraani jedhamtu keessatti gara kaaba baʼaatti argamtuu dha. warri Meedii§Meedii – Meediin naannoo biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamtuu dha. fi warri Elaam,*Elaam – biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamti. jiraattonni Mesophotaamiyaa,†Mesophotaamiyaa – Biyya harʼa Iraaq jedhamtu keessatti, laga Xegroosiitii fi laga Efraaxiis gidduutti argamti. warri Yihuudaa‡Yihuudaa – naannoon kun Yerusaalem illee ofitti dabalata. fi Qaphadooqiyaa§Qaphadooqiyaa – lafa Asiyaa xinnoo keessatti naannoo baʼaatti, biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtuu dha. akkasumas jiraattonni Phonxoosii*Phonxoos – mootummaa gama kibbaatiin qarqara galaana gurraachaa gara caalu qabatu. fi Asiyaa,†Asiyaa – biyya Roomaa kan dhiʼa biyya harʼa Turki jedhamtuutti argamtu. 10 Firiigiyaa‡Firiigiyaa – bulchiinsa gidduu gala dhiʼa Asiyaa xinnoo keessatti kaaba Ajeeniitii fi laga Haaliisi gidduutti argamu. fi Phamfiliyaa,§Phamfiliyaa – biyya Roomaa kan kibba Asiyaa xinnootti biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtu. Gibxii*Gibxi – biyya Roomaa kan lafuma harʼa Gibxi jedhamu kana turte. fi kutaawwan biyya Liibiyaa†Liibiyaa – Biyya kaaba Afriikaatti argamtu kan gama dhiʼaatiin Gibxitti aantu. kanneen naannoo Qareenaatti‡Qareenaatti – Magaalaa guddittii biyya Roomaa kan Qareenikaatii fi kutaa bulchiinsa Liibiyaa. argaman, nu warri Roomaadhaa§Roomaa – Magaalaa guddittii teessoo bulchiinsa mootummaa Roomaa. dhufne, 11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!” 12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
ulfina qabeessi sun hin dhufin dura,
22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. 23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. 24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii. 25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate:
29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa. 30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke. 31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos‡yookaan Masiihichaa, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. 32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti. 33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase. 34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha:
36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu. 39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse. 41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
- a Guyyaan Pheenxeqoosxee – Guyyaan kun naannoo caamsaa 20 taʼa; innis guyyaa Yihuudoonni ayyaana haamaa midhaanii itti ayyaaneffatan. Pheenxeqoosxee jechuun “Shantamaffaa” jechuu dha; kunis sababii ayyaanni kun erga ayyaanni Faasiikaa darbee guyyaa shantamaa booddee ayyaaneffamuuf. Ayyaanni kun ayyaanota warri Israaʼel waggaa keessatti ayyaaneffatan gurguddoo sadan keessaa isa tokko. Isaan guyyaa kanatti kennamuu seeraa yaadatu; yeroo ayyaana kanaatti dhiironni Yihuudootaa gara Yerusaalem dhaquun barbaachisaa ture.
- b Waan akka arraba ibiddaa – Ibiddi mallattoo argamuu Waaqaa ti; murtii Waaqaa wajjinis ni deema.
- c Phartee – Pharteen naannoo biyya harʼa Iraani jedhamtu keessatti gara kaaba baʼaatti argamtuu dha.
- d Meedii – Meediin naannoo biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamtuu dha.
- e Elaam – biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamti.
- f Mesophotaamiyaa – Biyya harʼa Iraaq jedhamtu keessatti, laga Xegroosiitii fi laga Efraaxiis gidduutti argamti.
- g Yihuudaa – naannoon kun Yerusaalem illee ofitti dabalata.
- h Qaphadooqiyaa – lafa Asiyaa xinnoo keessatti naannoo baʼaatti, biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtuu dha.
- i Phonxoos – mootummaa gama kibbaatiin qarqara galaana gurraachaa gara caalu qabatu.
- j Asiyaa – biyya Roomaa kan dhiʼa biyya harʼa Turki jedhamtuutti argamtu.
- k Firiigiyaa – bulchiinsa gidduu gala dhiʼa Asiyaa xinnoo keessatti kaaba Ajeeniitii fi laga Haaliisi gidduutti argamu.
- l Phamfiliyaa – biyya Roomaa kan kibba Asiyaa xinnootti biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtu.
- m Gibxi – biyya Roomaa kan lafuma harʼa Gibxi jedhamu kana turte.
- n Liibiyaa – Biyya kaaba Afriikaatti argamtu kan gama dhiʼaatiin Gibxitti aantu.
- o Qareenaatti – Magaalaa guddittii biyya Roomaa kan Qareenikaatii fi kutaa bulchiinsa Liibiyaa.
- p Roomaa – Magaalaa guddittii teessoo bulchiinsa mootummaa Roomaa.
- q Yoe 2:28‑32
- r Far 16:8‑11
- s yookaan Masiihichaa
- t Far 110:1