5 Phaawulos yeroo Siilaasii fi Xiimotewos Maqedooniyaadhaa dhufanitti akka Yesuus kun Kiristoos[a] taʼe Yihuudootaaf dhugaa baʼaa dubbicha lallabuutti ni jabaata ture. 6 Yommuu Yihuudoonni isaan mormanii isa arrabsanittis garuu Phaawulos uffata isaa hurgufatee, “Dhiigni keessan matuma keessan irra haa jiraatu! Ani qulqulluu dha; ammaa jalqabee gara Namoota Ormaa nan dhaqa” jedheen.
7 Innis achii baʼee mana namicha Waaqa waaqeffatu kan maqaan isaa Tiitoo jedhamu tokkoo dhaqe; manni namicha sanaas mana sagadaatti aana ture. 8 Kiriisphoos bulchaan mana sagadaa sanaas warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Gooftaatti amane; namoota Qorontos kanneen Phaawulosin dhagaʼan keessaa baayʼeen isaanii amananii cuuphaman.
9 Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; “Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin. 10 Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii.” 11 Kanaafuu Phaawulos dubbii Waaqaa isaan barsiisaa waggaa tokkoo fi walakkaa achi ture.
12 Yeroo Gaaliyoon bulchaa Akaayaa turetti Yihuudoonni tokkummaadhaan Phaawulositti kaʼanii mana murtiitti isa dhiʼeessan. 13 Isaanis, “Namichi kun akka isaan karaa seeraan ala taʼeen Waaqa waaqeffataniif namoota sossobaa jira” jedhanii isa himatan.
14 Utuu Phaawulos dubbachuuf jedhee afaan banachuutti jiruu Gaaliyoon Yihuudootaan akkana jedhe; “Yaa Yihuudoota, utuu dubbiin kun waaʼee balleessaa hojjechuu yookaan waaʼee yakka guddaa taʼee ani silaa obsaan isinan dhagaʼa ture. 15 Gaaffiin keessan garuu waan waaʼee jechootaa, waaʼee maqaawwaniitii fi waaʼee seera keessanii taʼeef kana isinuu fixadhaa; ani waan akkanaatiif abbaa murtii hin taʼuutii.” 16 Kanaafuu mana murtii keessaa gad isaan baase. 17 Isaan hundi bulchaa mana sagadaa sanatti jechuunis Soosteenesitti garagalanii fuula mana murtii duratti isa tumuu jalqaban. Wanni kun garuu xinnuma illee Gaaliyoo hin yaaddessine.
23 Phaawulos erga Anxookiiyaa keessa takka bubbulee booddee achii kaʼee barattoota hunda jajjabeessaa biyya Galaatiyaatii fi Firiigiyaa hunda keessa iddoo tokko irraa iddoo kaanitti nanaannaʼaa ture.
24 Gidduudhuma sana Yihuudiin Iskindiriyaatti dhalate kan Apholoos jedhamu tokko gara Efesoon dhufe; innis nama arraba qajeelu, kan Katabbiiwwan Qulqulluu gad fageenyaan beeku ture. 25 Namichi kun duraan karaa Gooftaa baratee ture; inni yoo cuuphaa Yohannis qofa beeke illee hafuura hoʼaadhaan waaʼee Yesuus qajeelchee dubbachaa, barsiisaas ture. 26 Mana sagadaa keessattis sodaa malee dubbachuu jalqabe; Phirisqilaa fi Aqiilaanis yommuu isa dhagaʼanitti mana isaaniitti isa waamanii karaa Waaqaa isa duraa caalaatti sirriitti addeessaniif.
27 Yeroo Apholoos Akaayaa dhaquu barbaadetti obboloonni isa jajjabeessanii akka barattoonni achi jiran sun isa simataniif xalayaa barreessaniif. Innis achi gaʼee warra ayyaana Waaqaatiin amananii turaniif gargaarsa guddaa taʼe. 28 Inni akka Yesuus kun Kiristoos taʼe Katabbiiwwan Qulqulluudhaan mirkaneessaa, jabaatee ifaan ifatti Yihuudootaan mormee amansiisaa tureetii.
<- Hojii 17Hojii 19 ->- a yookaan Masiihicha