Tasaloniiqee Lammaffaa
5 Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu. 6 Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa; 7 isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. 8 Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba. 9 Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; 10 kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.
11 Nus waan kana yaadatti qabachaa, akka Waaqni keenya warra waamicha isaatiif malan isin godhuuf, humna isaatiinis kaayyoo keessan gaarii hundaa fi akka hojii amantii keessanii hunda fiixaan isinii baasuuf utuu gargar hin kutin isinii kadhanna. 12 Nus akkuma ayyaana Waaqa keenyaattii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiitti akka maqaan Gooftaa keenya Yesuus isiniin kabajamuu fi akka isinis isaan kabajamtaniif waan kana kadhanna.
2 Tasaloniiqee 2 ->