4 Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette.
5 Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate.
8 Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe.
9 Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette.
10 Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe.
11 Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi Waaqayyoon Waaqa isaa haa waammatu” jette.
12 Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette.
13 Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii? 14 Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu.
15 “Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa. 16 Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’
17 “Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. Waaqayyo Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’ ”
18 Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe.
19 Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate.
21 Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe.
22 Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe.
23 Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide. 24 Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine.
25 Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture. 26 Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture.
27 Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte.
28 Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate. 29 Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide. 30 Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan.
31 Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen.
32 Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.”
33 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate.
<- 2 Saamuʼeel 132 Saamuʼeel 15 ->