8 Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. 9 Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.
10 Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan. 11 Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa. 12 Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.
13 Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf. 14 Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata; 15 kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne”*Bau 16:18 jedhamee barreeffamee dha.
22 Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada. 23 Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos. 24 Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.
<- 2 Qorontos 72 Qorontos 9 ->- a Bau 16:18