4 Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe. 5 Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. 6 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete. 7 Taʼus Waaqayyo sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
8 Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate. 9 Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe. 10 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira.
12 Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha:
16 Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase. 17 Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
18 Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe. 19 Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
20 Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.
<- 2 Seenaa 202 Seenaa 22 ->