6 Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata. 7 Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi. 8 Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada. 9 Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha. 10 Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
11 Wantoota kanneen ajaji; barsiisis. 12 Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin. 13 Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu. 14 Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
15 Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni. 16 Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.
<- 1 Xiimotewos 31 Xiimotewos 5 ->