1 Kanaafuu nu waan hammana caalaa obsuu dadhabneef kophaa keenya Ateenaatti hafuun gaarii nutti fakkaate. 2 Nus obboleessa keenya Xiimotewos, tajaajilaa Waaqaa isa wangeela Kiristoosiitti hojjetaa hidhata keenya taʼe sana, akka inni amantii keessanitti isin cimsuu fi isin jajjabeessuuf ergineerra; 3 kunis akka namni tokko iyyuu dhiphina kanaan hin jeeqamneef. Isinis akka nu waan kanaaf filatamne sirriitti beektu. 4 Yeroo isin bira turretti akka dhiphinni nurra gaʼu isinitti himaa turreetii. Innis akkuma isin beektan sana taʼe. 5 Sababii kanaaf ani yommuun kana caalaa obsuu dadhabetti waaʼee amantii keessanii baruuf jedheen isa erge. Tarii inni nama qoru sun isin qoree dadhabbiin keenyas faayidaa malee hafeera jedheen sodaadhe.
11 Ammas Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya mataan isaa, Gooftaan keenya Yesuusis akka nu gara keessan dhufnu karaa nuuf haa qajeelchu. 12 Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus. 13 Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.
<- 1 Tasaloniiqee 21 Tasaloniiqee 4 ->