Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
8 Nu waan akka malee isin jaallanneef wangeela Waaqaa qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii.
9 Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre.
10 Nu hammam qulqullummaan, qajeelummaa fi mudaa malee isin warra amantan gidduu akka jiraanne isin dhugaa ni baatu; Waaqnis dhugaa baʼa.
11 Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii;
12 kunis akka isin jireenya Waaqa isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.
13 Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna. 14 Yaa obboloota, isin fakkeenya waldoota kiristaanaa Waaqaa warra Kiristoos Yesuusitti jiran kanneen biyya Yihuudaa jiranii duukaa buutaniirtu; akkuma waldoonni kunneen harka Yihuudootaatti dhiphatan sana isinis harka namoota biyya keessaniitti dhiphattaniirtu; 15 Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Yesuusii fi raajota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Waaqa hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu; 16 isaanis cubbuu isaanii guuttachuuf jedhanii akka nu akka Namoonni Ormaa fayyifamaniif itti hin dubbanne nu dhowwu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufeera.
17 Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane.
18 Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu Seexanatu nu dhowwe.
19 Yommuu Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti fuula isaa duratti abdiin keenya yookaan gammachuun keenya yookaan gonfoon nu ittiin of jajnu eenyu? Isinuma mitii?
20 Isin ulfinaa fi gammachuu keenyaatii.
<- 1 Tasaloniiqee 11 Tasaloniiqee 3 ->