2 Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise.
3 Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise. 4 Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.
5 Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan. 6 Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan. 7 Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan.
11 Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate.
13 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture. 14 Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja Waaqayyoo hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
15 Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture.
19 Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne. 20 Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan. 21 Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan.
22 Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture.