3
Niitonni Dhirsootaaf Buluu
1 Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; 2 isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu. 3 Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; 4 qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu. 5 Dubartoonni qulqulloonni durii warri Waaqa abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan; 6 Saaraanis Abrahaamiin “Gooftaa” jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.
Dirqama Dhirsootaa
7 Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
Sababii Waan Gaarii Hojjetaniif Dhiphachuu
8 Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa. 9 Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
10 “Namni jireenya jaallatu,
kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu,
arraba isaa hammina irraa,
hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.
11 Inni hammina irraa deebiʼee gaarii haa hojjetu;
nagaa haa barbaadu; duukaa haa buʼus.
12 Iji Gooftaa qajeeltota irra jiraatii;
gurri isaas kadhata isaaniitiif banamaa dha;
garuu fuulli Gooftaa warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.”*Far 34:12‑16
13 Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha? 14 Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.”†Isa 8:12 15 Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa; 16 isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa. 17 Dhiphachuun keessan fedhii Waaqaa yoo taʼe, hamaa hojjettanii dhiphachuu irra gaarii hojjettanii dhiphachuu wayya.
Fakkeenya Kiristoos
18 Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame; 19 erga jiraataa taasifamee immoo dhaqee hafuurota mana hidhaa jiranitti lallabe; 20 isaanis bara Nohi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Waaqni obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe; 21 bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Waaqaaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin isin fayyisa; 22 Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
<- 1 Phexros 21 Phexros 4 ->