1 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti, 2 Waaqayyo akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate. 3 Waaqayyo akkana isaan jedhe:
10 Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti, 11 Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne. 12 Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne. 13 Innis, “Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?” jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef. 14 Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture.
15 Seenaan itti Solomoon Mootichi mana qulqullummaa Waaqayyoo, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha. 16 Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Solomoon sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne. 17 Solomoonis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu, 18 Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana, 19 akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare.
20 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira. 21 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise. 22 Solomoon garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan. 23 Isaan akkasumas hojii Solomoon hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan.
24 Solomoonis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawit keessaa gara masaraa mootummaa kan Solomoon isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare.
25 Solomoon waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Waaqayyoof ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Waaqayyoo duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe.
26 Solomoon mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete. 27 Hiiraamis akka isaan namoota Solomoon wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge. 28 Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Solomoon mootichatti kennan.
<- 1 Mootota 81 Mootota 10 ->