Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
2
Ajaja Daawit Solomooniif Kenne
2:10‑12 kwf – 1Sn 29:26‑28

1 Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.

2 Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi; 3 waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi; 4 yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.

5 “Ati mataan kee iyyuu waan Yooʼaab ilmi Zeruuyaa natti hojjete, waan inni ajajjoota loltoota Israaʼel lamaan jechuunis Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeteer godhe ni beekta. Inni bara nagaa keessa akka waan waraana keessatti taʼeetti isaan ajjeesee dhiiga isaanii dhangalaase; dhiiga sanas sabbata mudhii isaatii fi kophee faana isaatti faale. 6 Ogummaa keetiin isa adabi malee akka inni arrii isaatiin nagaan awwaalamu hin godhin.

7 “Garuu sababii isaan yeroo ani obboleessa kee Abesaaloom duraa baqadhetti na gargaaraniif ilmaan Barzilaayii namicha gosa Giliʼaad sanaatiif arjoomi; isaanis warra maaddii kee irraa nyaatan gidduu haa jiraatan.

8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa namichi gosa Beniyaam kan biyya Bahuuriim inni gaafa ani Mahanayiim dhaqetti akka malee na abaare sun kunoo si wajjin jira. Ani garuu yeroo inni na simachuuf Yordaanos dhufetti, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Waaqayyootiin nan kakadheef. 9 Ati garuu sababii nama ogeessa taateef amma akka waan inni balleessaa hin qabaatiniitti isa hin ilaalin. Atuu waan isa gootu ni beekta. Ati mataa isaa kan arraaʼe sana dhiigaan awwaala keessa buusi.”

10 Daawitis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. 11 Innis waggaa afurtama Israaʼel irratti jechuunis waggaa torba Kebroonitti, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalemitti mootii taʼe. 12 Kanaafuu Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra ni taaʼe; mootummaan isaas jabaatee dhaabate.

Teessoon Solomoon Jabaachaa Deemuu Isaa
13 Yeroo kanatti Adooniyaan ilmi Hagiit gara Batisheebaa gara haadha Solomoon dhaqe. Batisheebaanis, “Ati nagumaaf dhuftee?” jettee isa gaafatte.
Innis, “Eeyyee ani nagumaafan dhufe” jedhee deebiseef; 14 itti dabalees, “Ani waanan siin jechuu fedhu tokkon qaba” jedheen.
Isheenis, “Mee jedhi” jettee deebifteef.

15 Innis akkana jedheen; “Akkuma ati beektu mootummaan kan koo ture. Warri Israaʼel hundinuus akka ani mootii isaanii taʼu na abdatan. Garuu wanni sun geeddaramee mootummaan gara obboleessa kootiitti deebiʼeera; wanni kun Waaqayyo biraa isaaf dhufeeraatii. 16 Ani amma waanan si kadhadhu tokkon qaba; maaloo na hin didin.”

Isheenis, “Kadhadhu” jetteen.

17 Innis itti fufee, “Akka inni Abiishagi intala gosa Suunam sana akka niitiitti naaf kennuuf maaloo Solomoon mooticha naa kadhadhu; inni si hin diduutii” jedheen.

18 Batisheebaanis, “Kun waan gaarii dha! Ani dhaqeen mootichatti siif dubbadha” jettee deebifteef.

19 Kanaafuu Batisheebaan Adooniyaaf jettee isatti dubbachuuf gara Solomoon Mootichaa dhaqxe; Mootichis ishee simachuuf ol kaʼee harka ishee fuudhee teessoo isaa irra taaʼe. Inni teessoo haadha mootiitiif fidame tokko of biraa qaba ture; isheenis gama mirga isaatiin teesse.

20 Isheenis, “Ani waanan si kadhadhu xinnoo tokko qaba; maaloo na hin didin” jetteen.

Mootichis, “Yaa haadha koo kadhadhu; ani si hin diduutii” jedhee deebiseef.

21 Isheenis, “Obboleessi kee Adooniyaan intala gosa Suunam kan Abiishagi jedhamtu sana haa fuudhu” jetteen.

22 Solomoon mootichis akkana jedhee haadha isaatiif deebii kenne; “Ati maaliif Abiishagi intala gosa Suunam kana Adooniyaaf kadhatta? Ati mootummaa illee akkasuma isaaf kadhadhu; inni obboleessa koo hangafaatii; Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif illee gaafadhu!”

23 Solomoon mootichis akkana jedhee maqaa Waaqayyootiin kakate; “Yoo Adooniyaan gatii kadhaa kanaa lubbuu ofii isaatiin baasuu baate, Waaqni natti haa muru; waan caalu iyyuu natti haa fidu! 24 Kanaafuu dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jabeessee na dhaabee teessoo abbaa koo teessoo Daawit irra na kaaʼee fi isa akkuma waadaa gale sanatti mootummaa naaf hundeesse sanaa Adooniyaan dhugumaan harʼa ni ajjeefama!” 25 Solomoon mootichi Benaayaa ilma Yehooyaadaa ajaje; innis dhaqee Adooniyaa dhaʼee ajjeese.

26 Mootichis Abiyaataar lubichaan akkana jedhe; “Ati gara lafa qotiisaa kee kan Anaatoot jirtu sanaa deemi. Ati silaa duʼuu qabda turte; ani garuu sababii ati fuula abbaa koo Daawit duratti taabota Waaqayyo Gooftaa baattee rakkina abbaa kootii hunda illee qooddatteef amma si hin ajjeesu.” 27 Kanaafuu Solomoon dubbii Waaqayyo Shiilootti waaʼee mana Eelii dubbate sana guutuudhaan Abiyaataarin lubummaa mana Waaqayyoo irraa buuse.

28 Yommuu oduun kun Yooʼaab namicha Abesaaloomiif tumsuu dhiisee Adooniyaaf tumse sana bira gaʼetti, inni gara dunkaana Waaqayyootti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana qabate. 29 Akka Yooʼaab gara dunkaana Waaqayyootti baqatee iddoo aarsaa bira jiru Solomoon Mootichatti ni himame. Solomoonis, “Dhaqiitii isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajaje.

30 Kanaafuu Benaayaa dunkaana Waaqayyoo ol seenee Yooʼaabiin, “Mootichi, ‘Kottu baʼi!’ siin jedha” jedhe.

Inni garuu, “Ani asumattin duʼa malee hin baʼu” jedhee deebise.
Benaayaa immoo, “Yoʼaab akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime.

31 Mootichi akkana jedhee Benaayaa ajaje; “Akkuma inni jedhe sana godhi; ajjeesiitii isa awwaali; kanaanis yakka dhiiga nama qulqulluu kan Yooʼaab dhangalaase sanaa irraa anaa fi mana abbaa koo qulqulleessi. 32 Sababii inni utuu abbaan koo Daawit hin beekin namoota lama goraadeen ajjeeseef Waaqayyo gatii dhiiga inni dhangalaase sanaa isa baasisa. Namoonni inni ajjeese sun lamaan jechuunis Abneer ilmi Neer ajajaan loltoota Israaʼelii fi Amaasaan ilmi Yeteer ajajaan loltoota Yihuudaa namoota isa caalaa jajjaboo fi qajeeltota turan. 33 Yakki dhiiga isaanii mataa Yooʼaabii fi sanyii isaa irra bara baraan haa jiraatu. Garuu Daawitii fi sanyii isaa irra, mana isaatii fi teessoo isaa irra nagaan Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu.”

34 Kanaafuu Benaayaa ilmi Yehooyaadaa achi dhaqee Yooʼaabin ajjeese; innis biyya ofii isaatti gammoojjii keessatti awwaalame. 35 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajajaa loltootaa godhee iddoo Yooʼaab buuse; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar buuse.

36 Ergasiis mootichi gara Shimeʼiitti nama ergee akkana jedheen; “Ati Yerusaalem keessatti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee gara tokko illee hin deemin. 37 Gaafa achii baatee Sulula Qeedroon ceetutti akka duutu dhugumaan beeki; dhiigni kees matuma keetti deebiʼa.”

38 Shimeʼiinis, “Wanni ati jette gaarii dha. Garbichi kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe sana ni godha” jedhee mootichaaf deebise. Shimeʼiinis bara dheeraa Yerusaalem keessa jiraate.

39 Garuu waggoota sadii booddee garboota Saamii keessaa namoonni lama gara Aakiish ilma Maʼakaa mooticha Gaatitti baqatan; Shimeʼiittis, “Garboonni kee Gaati keessa jiru” jedhamee himame. 40 Innis waan kana dhageenyaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee garboota isaa barbaadachuu Aakiish bira Gaati dhaqe. Kanaafuu Shimeʼiin dhaqee Gaatii garboota isaa fidate.

41 Yommuu akka Shimeʼiin Yerusaalemii baʼee Gaati dhaqee deebiʼe Solomoonitti himametti, 42 mootichi Shimeʼii waamsisee akkana jedheen; “Ani maqaa Waaqayyootiin si kakachiisee, ‘Ati guyyaa kaatee iddoo biraa dhaquuf baate akka duutu beekkadhu’ jedhee si hin seerree? Atis gaafas, ‘Wanni ati jettu gaarii dha. Ani nan ajajama’ naan jette. 43 Yoos ati Maaliif kakuu Waaqayyoon kakatte sana eeguu diddee ajaja ani siif kenneefis ajajamuu didde ree?”

44 Mootichi amma illee Shimeʼiidhaan akkana jedhe; “Ati cubbuu abbaa koo Daawititti hojjette hunda garaa kee keessatti ni beekta. Waaqayyo amma jalʼina kee sana matuma keetti deebisa. 45 Solomoon mootichi garuu ni eebbifama; teessoon Daawitis bara baraan jabaatee fuula Waaqayyoo dura ni jiraata.”

46 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa ni ajaje; innis dhaqee Saamii dhaʼee ajjeese.

Mootummaanis yeroo kanatti harka Solomoonitti jabaatee dhaabate.

<- 1 Mootota 11 Mootota 3 ->