6 Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii? 7 Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii. 8 Kanaafuu kottaa raacitii moofaa yookaan raacitii jalʼinaatii fi hamminaatiin utuu hin taʼin Buddeena Hin bukaaʼin kan qulqullinaa fi dhugaa of keessaa qabuun ayyaanicha ayyaaneffannaa.
9 Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture; 10 kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture. 11 Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa!
12 Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? 13 Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”*KeD 17:7; 19:19; 21:21; 22:21,24; 24:7
<- 1 Qorontos 41 Qorontos 6 ->- a KeD 17:7; 19:19; 21:21; 22:21,24; 24:7